07/21/2012
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Alliance for Liberty, Equality and Justice in Ethiopia (ALEJE) woliin hojjachuu fi hirree ummata Itoopiyaa irratti marii geegefamaa ture xumurachuun Ummata Itoopiyaa sirna abbaa irree mootummaa saba bicuu (TPLF/Woyanee) jala basaanii biyya mirgi sabaa , sabi lammii fi mirgi dhunfaa keessatti kabajamu Itoopiyaa haraawa (new Ethiopia) ummuuf woliin hojjachuuf marii fi qormaata yeroo dheeraatiin booda woliigalatee tokko irra gayaan jiru.
Woliigalteen kun:
(a) Itoopiyaa keessatti mootummaa jiddu galleessaa (federal government)irraa hanga gandaatitti fedhii ummataa irratti ka hundayee filaannoo dhugaatiin ummanni dhibbaa tokkoon malee nama/qamaa/dhaaba fedhu filata;
(b) Sirni mootummaan Itoopiyaa irratti dhaabatu sirna Fedeeraala dhugaa ta’aa;
(c) Mootummaa woyyannee kufsu’uuf qabsoo/falmii/ haalii yeroo gaafatu fuula hundaan geggeessinaa;
(d) Mootummaan woyyannee erga kufee booda yeroof mootummaan cehumsaa humnoota siyaasaa adda addaa fi dhaabota hawaasummaa adda addaa irraa wolitti dhufeen ummama;
(e) Bu’uroonni asi olitti tuqamaan hundii biyya Itoopiyaa jedhamittee beekaamitu keessatti ta’aa.
Caarraa kanatti fayyadaminnee ABO Fi ALJE mormittoonni mootummaa woyyannee hundii woliin hojjatu’uun mootummaa abbaa irraa Woyyannee (TPLF) erga kaafinnee booda Itoopiyaa ummatoonni bilisaan, nagayaan, dimookraasii fi badhadhinaan woliin keessaa jiraataan akka uuminu waamicha goonaa.